#Hiyyummaan Namaa gadi nama #gooti!

πŸ‘‰βœ‹Akkam jirtu Hordoftoota Chaanalii keenyaa
#Beelli hirribarraa nama dammaqsa. Hiyyummaa irra aanuuf dura hirriba irra aanuu qabna. #Rakkinni namaa gadi nama taasifti, osoo beela'anuu waan barbaadan filatanii nyaachuu dadhabu, filatanii uffachuu dadhabu, maarree kun ulfaataa mitii? Kanaaf dammaquu qabna.
#Dammaquu qofa osoo hin taane, ka'uun, utaaluun barbaachisaadha.
#Mee kaanee abjuu keenya yaada keenya keessatti, gabatee abjuu keenyaa irratti haa ilaallu, waraqaa irrattis yoo barreessine, lafatti kufuun isaa waan hin oolle. Haala kanaan, abjuu keenyaa fi jireenya keenya walitti haa qabnu. Hanga dhugoomsinuttis abdii kutachuu hin qabnu.
#Ganama sa'aatii meeqatti hirribaa kaata? Galgalahoo saatii meeqatti rafta?

🌻Halkan gaariin isiiniif hawwa!

#Ganamaan Ka'aaπŸ™πŸ™πŸ™

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Ati Qormaata kutaa #12 NAN KUFE jettee aartaayii?

#Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!

#Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
#ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

#TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

#ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

#Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

#Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

#Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
➲ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
➲ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
➲ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
➲ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
➲ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
➲ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
➲ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
➲ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

#Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun dawaa milkoomina keetiti.

Obbolee/ttii koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

#Share godhaa #barattootta abdii kutannaa keessa jiran biraan nuuf gahaa adaraaπŸ™πŸ™πŸ™

@Bedadina
@Gaggeessummaa
@Saayikoloojii
#Mee Gaaffilee armaan gadii kana of #Gaafadhu

#1. Amma maalan of harkaa qabaa kanan ittiin jijjiirama ofirratti eegalu?
#2. Yoom jijjiirama ofirratti yoon jalqabe wayyaa?
#3. Eessaa yoon jalqabe wayyaa?
#4. Yaada koo eenyuuf yoon qoode wayyaa?
#5. Humnii fi kaappitaalli ani amma of harkaa qabu hangam na deemsisuu danda'aa?
#6. Tarsiimoo kan warra biroo irraa adda ta'e malaan qaba?
#7. Garee wajjin tarkaanfachuu danda'u akkamittan uumaa?
#8. Hudhaaleen karaa irratti na quunnamuu danda'an maalfa'a ta'uu danda'uu?
#9. Ofitti amanamummaa ani mul'atan qabadhee ka'eef qabu hangam olaanaadhaa?
#10. Yeroo hangamii keessattin waantan yaade galmaan gahuu danda'a?