SARON TUBE
202 subscribers
33 photos
125 links
Channel kana irrati waan barbadaa beksifachu dandeessa. Keessan nuu qunamaa. https://t.me/joinchat/UxcAHELvgsYzNjJk
Download Telegram
Yeroo hundumaa gaarii yaadi.

Jireenyi Addunyaa kanaa galagaltoodha. Gaafa ati gaarii gootu ykn gaarii yaaddu si dhiibdi, si lolti, siif hin toltu harka gaarii sirraa hammaarratetu deebise hammeenya sii kenna, kunimmoo ati Addunyaa buburree kana keessatti hojii isheetti walii galtee jiraachuu dhabuu kee mul'isa.

mukti tokko ija isaatiin beekama, ija gaarii yoo qabate isarraa soorachuuf namaa fi allaattiiwwantu barbaada. Gaarii gochuu keetiin kaaniin ni jibbamta, kaaniin immoo ni jaalatamta. Jibbamuun madaala jireenya kee gad hin buusiin, jaalatamuun kees ol sin baasiin garuu hojii waaqayyoon gammachiisu hojjachuu kee addaan hin kutiin.

hagamuu namaan miidhamtu hamminaan hin mo'amiin. Waan gaariidhaan isa hamaa mo'aa malee hamaan isin hin mo'iin waan jedhuuf gaarummaan keenya ittuma haa fufu.
Rom 12:21

Rom. 12
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁷ Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta'e yaadatti qabadhaa!

¹⁸ Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa!


Hiriyyoota jaallatamoo koo😘😘
#HIN_KEESUMMEESIN

Waraabessa gara jabeessa tokkotu mandara wayii keessa jira ture, gaaf tokko waraabessi kun Horii (sa'aawwan) mandara sana keessa jiran nyaatee fixuuf ka'e. Namoonni nannoo sanaas gara jabummaa waraabessa sanaa arganii isa waraananii ajjeesuuf murteefatanii waliin mari'atani.

Akkuma jedhanis walii galani gamaf gamasiin eeboo qabatanii osoo barbaadanii naannoo ta'e keesatti arganii kallattii hundaan itti marsanii gara isaatti fiigaa dhufani. Waraabeessi kunis dhaabadhee hin ilallu jedhe kallatti barbaaddatee fiigee Mana qaalittii abbaa mana hin qabneetti fiigee balbala rurrukutee "warrakoo maaloo mana narraa banaa?" jedhe.

Haati manaa ilma ishee tokkittii wajjin jiraataa turte kunis " mal maal taate ?" jettee gaafatte. innis "Maalo na ajjesuuf na ari'aa jiru mana keessa na dhoksi" jedheen. Ishenis ol galchitee mana keessa dhoksite. Jarri Waraabeessicha ari'aa turan faana miilasaa hordofanii yommuu mana sana bira gahan faanni miilasaa bade Balbala manichaa rurukutanii "jara manaa waraabessi tokko as mana keessa jiraa ?" jedhanii gafatan haati manaa kunis "as hin jiru" jette. jarris shakkanii "maalo nutti himi faanni miilasaa as gahee bade bitaas mirgas hin deemne asumatti dhaabate" jedhani isheen garuu jabeesitee "Gonkumaa an hin argine" jettee sobde dhoksite.

Bulee boromta isaa Waraabessi kun guyyaa waan ta'eef bosonatti galuu barbaadee garuu waan sodaateef achuma bule. Gaafa guyyaa lamaffaa baayyee waan beela'eef galuu barbaadee ammas waan sodaateef achuma ture. Beela isaa obsuun waan itti ulfateef osoo haati mucaa bakkee jirtuu mucaa ishee cacabsee,ukkamsee nyaate. Haati mucaa yommu bakkeedhaa ol galtu mucaan hin jiru. Waraabesichi gaarii waan itti fakkateef isa hin shakkine turte. Ammas garuu Waan beela'eef hamuummachuu jalqabe utaalee miila qaalittii kanaa qabate. isheenis yommus mucaashe kan nyate akka isa ta'e bartee humnaf sagalee qabduun "Uuuuuuuuu maalo naa birmadhaa" jette iyyite.

Namoonni ollaa kaleessa Waraabessicha barbaadaa turanis "mal mal maltu ta'e" jedhanin. isheenis iyyaa guddaan "Waraabessa kaleessa mana keessa dhoksee ture mucaa koo nyaatee anatti darbuufi maalo naaf birmadhaa" jette iyyite namooni sunis kaleessa maliif dhoksite harra maliif baafte jedhanii gara manatti deebi'ani.

#Cubbuu ofitti keessummeesitee of keessa dhoksitee isa faana firoomtee hin taa'in, ifirraa hari'adhu, hafuura qulqulluutti dhiyaadhu, jireenya kee hafuura qulqulluuf kenni male cubbuuf hin kennin Hojiinsaa ajjeesuu fi balleessuu waan ta'eef gaaf tokko si balleessaa #Hin_keessummeessin ofirra ari'adhu.

#Eebbifamaa🙏https://t.me/SARONTUBE
#Si'iif_Maastikaa

Maastikaan shamarran hedduu biratti jaallatamaadha, xasss xow phiww gochaa karaarra adeemu, bakka tokko tokkottis shamarran Waajjira mootummaa firaaf matta'aan seenan abbaa dhimmaa teessisanii akka fiinyaa afuufani, phosss gochuun Waajjira goolaa oolu.

Maastikaan bitamee hanga daqiiqaa 10nan tokkootti mi'aansaa afaanii nama hin badu, sana booda garuu mi'aan sun gororaan dhiqamee bada. Mi'aadhumti maastikaa sanaallee haalli turtii isaa qarshii isa bite irratti hundaa'a. Keessumaa warri ammaa amma bituuf humna hin qabne, keenyaan (gidgiddaa) manaatti maxxansanii bulanii afaanitti deebifatu, gaarummaan isaa maastikaa nyaattii qofa malee, maastikaa isa kaleessaa namni jedhee irratti dubbatu hin jiru.

Si'iif Maastikaa kana waliin qabeen waa jedha!

Namni keenya baay'een isaa, akka jalqaba si argetti sii gaggabee waan ati nyaattuuf dhugdu siif bita, yeroof waanuma siif ta'u of dhabsiisa. Atis suuta suuta qalbiinkee, yaadakee eenyummaakee ofirraa baasaa dhufta! Jireenyakee gara jireenya nama sanaatti (shift) gochaa dhufta. Sana booda qullaa of gootee, akka isaaf mijatutti afaan si kaa'ata. (Like, banana 🍌)

Si dhandhama....sijaja....si hafarsa

Turtii muraasaa booda, dhandhamnikee keessaa badaa dhufa. Nama waan ta'eefis waan haaraa barbaacha lafa si kaa'ee adeema. Keessumattuu battalatti itti of laannaan, battaluma si dhandhamee tufee si gata. Akkuma nama maastikaa haaraa bitachuuf qarshii hin qabnees lapheesaa keessaa suuqa tokkotti si maxxansee maastikaa haaraa barbaaddata. Siin lapheetti si maxxansee, dhimma isaa xumuree dhufee bakka si rarraasee si buusee si alanfata. Takkaa itti of gurgurte waan ta'eef adeemsa keessa qalbiikeef akka bakka hin laanne si taasisa. Sana booda, dubbii sirratti eegee lafatti si tufee sibira darba. Kaanimmoo jechaaf gochaan sirra ejjeta!

Egaa yaa obbolootakoo, Dhiiras taatan shamara! Kan akka maastikaa tufamuu (Moral) namaa tuqu dhalatee hin jiru. Nama nuti itti of rarraafne yeroo akkatti nu tufu, bor (update) of gochuun waan yeroo dheeraa nu gaafatuuf namuma akka maastikaa, yookaan nun liqimsine yookaan dafee mi'aan keenya sammuutii bahutti of qajeelchine itti of kennuurraa of haa eegnu.

Barichis bara namni akka maastikaa tti daqiiqaa muraasaaf nu nyaatee nutti gargaaramee nu tufurra waan nu geessiseef nama nutti wajagu irraa siqnee haa ilaallu! Hamma yoomiittis jennee wajaga isaa haa yaadnu.

Ergaankun kan nama tokkoo fakkaatus, garuu kan nama lamaati!
https://t.me/joinchat/UxcAHELvgsYzNjJk
Haati isaa erga duutee booda bakka jiraatu dhabee mucaa karaarra jiraatudha Joon!

Seenaa Dhugaa!

Akkuma barame Joon guyyaa tokko karaarra dhaabbatee kadhachaa ture. Ibsaa tiraafikaarra konkolaatoota dhaabbatan keessa gara isa tokkootti goree harka isaa diriirsee kadhate.

🤲 Foddaan konkolaataa tokko banamuu isaa yeroo argu ni rifate dubartii harganuu hin dandeenye maashiniin hargansuu mormatti kaa'ame deemtu tokko arge. #Joonis waan kana rifatee meeshaan kun maali jedhee gaafate? Isheenis mucaa kana otoo hin tuffatiin gaaffii isaa deebisteef.

Nama meeshaa gargaarsa hargansuu #oksijiniin guutameen harganu ta'uu ishee, sababii kanan iji ishee illee sirritti kan hin argine, miilli ishee sirritti deemuu kan hin dandeenye, maallaqa itti yaalamtu kan hin qabne dhukkuba kanaan waggoota 7f kan rakkachaa jirtuu tahuu himteef😓

Joon waan dhagahe kanan hedduu rifate, imimmaan isaa to'achuu dadhabe, Imimmaan isaa lolaasaa harka isaa kadhachuuf diriirse deebisee waan hanga sa'aatii sanaatti kadhatee argate qarshii boorsaa isaa keessaa baasee akka isheen ittin yaalamtuuf kenneef.
Namootni naannoo sana turan suuraa jalqabaa kana kaasuun seenaa kana waliin miidiyaa hawaasaarra facaasan, yeroo muraasa keessatti biyya #Keeniyaa guutuu walgahe.

Hunduu waan uumame kana dinqiisifatee mucaan miskiinni kun waan daabboo nyaatuun erga gargaaruuf harka isaa diriirse nuttis gargaarsa namummaa goonee maallaqa Shillingii Keeniyaa Miliyoona 4 waldhaansaaf gaafatamte haa kenninu jedhanii walitti qabaniif

Har'a #Gilaadiin ykn dubartiin sun firootaa fi namoota qabeenya qabaniin otoo hin taane karaa gaarummaa mucaa miskiina kanaan gargaarsa argattee biyya #Hindiiti yaalamtee, Meeshaa sana mormarraa gattee, akka barbaadde buraaqxee jiraachaa jirti.

Maarree Joonis ergasii xiyyeefannoo namoota hedduu ta'uun daandii irraa kaafamee mana dubartii #Neesii jedhamtuu jiraachuu eegaleera, barnoota isaas jalqabee jireenya gaariirra jira.

Gaarummaan Joon haadhaa fi mana keessa jiraatu kenneeraaf,
Gaarummaa Joon dubartii rakkoo waggaa 7 keessa tureef furmaata ta'eera.

Kanaafuu egaa kennuudhaf dureessa ykn qarshii hedduu qabaachuu hin barbaachisu garaa qulqulluu fi gaarummaan guutamuu barbaachisa.
Waaqayyo kennan isaa ajaa'iba karaa ati hin eegnen fayyina siif kenna, dubartiin kun otoo tuffattee foddaa itti cuftee deemtee gargaarsa argatti turee laata??
Kennan xiqqaas tahu haa kabajnu tuffii haa dhiifnu
Seenaa kana hedduu wannan jaalladheefan siniif hiike

Gammada olaanaatu barreese
https://t.me/SARONTUBE
Addunyaa kana irraati wanti nama miidhu.qabeenya dhabuu osoo hin taanee.kaayyoo dhabuudha.
👇👇
https://yerooifaa.com/kaayyoo-fi-mulata/
Seenaa Baay'ee gara nama nyaatuu!
Al tokko tokko wanta hamaa qofa utuu hin taanee wanti gaarii fakkatee jireenyaa kee balleessa
😭👇👇
https://yerooifaa.com/dont-be-in-a-rush-and-think-about-everything-calmly/
yeroo Baay'ee Rakkon keenyaa Milkaa'ina caala rakkisaan akkattaa ittiin milkaainicha qabannudha. Namoonni Baay'een akkamitti akka milkaa'an beeku garuu erga milkaa'anii akkamitti akka milkaa'ina isaanii qabatan hin beekan.

👇👇
https://yerooifaa.com/dhoksaa-milkaauu/
mee Deebi'ii jireenya kee yaadadhuu; obsa dhabuu keen  waantoota of harkaa dhabde jira taha!
Jireenyaa Hafuuraa tahe
Jireenyaa fonni keesatti
Amala namootaa dandeessee jiraachuufillee Obsa  qabaachuun dirqama!👇👇👇
https://yerooifaa.com/obsa-hin-dhabani-obsi-riqichaa-jireenyaati/
Forwarded from yesuus In Dhufaa
👉Biyya tokko kaatee gara biyya,biraa deemuuf karaan ati irraa deemtu jiraachuun isaa baayee murteessaadha.

Jireenyaa bara,baraa argattee, mootummaa Waaqayyootti galuufis karaan jiraachuun isaa murteessaadha
👇👇
https://yerooifaa.com/karaa-dhugaa-fi-jireenyaa-qabu/
Forwarded from yesuus In Dhufaa
Barri dargaggummaa bara itti yoo dhimmaa bahan lafaa ka'anii fi yoo qabaa balleessan yeroo itti badaniidha!
                 👇👇
https://yerooifaa.com/yeroo-dargaggummaa-jechuun-maali/
Forwarded from yesuus In Dhufaa
oduun nutti himamu hangam gaarii yoo ta'eyyuu kan yeroon keenya itti qisaasa'u ta'uu inqabu.👇👇

https://yerooifaa.com/do-not-listen-to-the-news/
Forwarded from yesuus In Dhufaa