#Obboleessa koo Dubartoonni hunduu walqunnamtii saalaa dura waan ittiin qalbii ykn miira kee hataniin qabu:-

#Tarii harma [guntuta] ta'uu danda'a; hidhii ta'uu danda'a; ykn immoo daallee(teessoo) isaanii ta'uu mala. Qofa dubartoonni hunduu waan namatti tolu wayii qabu.

#Maarree ati haadha manaa kee mana keessee kana hunda nan barbaada yoo jette Hoteela seentee akka nyaata hundumaa ajajattee nyaachuuti. Nyaata hoteela tokko keessa jiru hunda yoo nyaatte dhukkubsachuun kee waan hin hafneedha. Dhandhama isaas kamtu akka caalu adda baasuu hin dandeessu. Dubartoota heddu hawwuunis akkuma kana dhukkuba ulfaataadha. Hundumaaf kan mo'amtu yoo taate nama ejjennoo qabu hin taatu.
#Waa'ee namoota hedduu yaadaa waa'ee kee yaaduu hin dandeessu.
#Argitee obboleessa koo dhugaatii wayinii ammuma irra deddeebitee dhugdu aradnisaa si qabaa fi jaalataa deemta malee hin jibbitu. Dubartiinis akkanuma dubartii tokko qofaaf jaalalaa fi yeroo yoo kennite irra caalaa jaalataa deemta malee hin jibbitu.

#Obboleessa koo Dubartoota miliyoona tokko jaalachuun faayidaa hin qabu sababnisaa namoonni baay'een waan gochuu danda'aniidha.
Dubartii tokko karaa Miliyoona tokkoon jaalachuun garuu Gootummaadha. Sababnisaa namoonni heddu gochuu hin danda'an.

#Kanaafuu obboleessa koo waan qabdu hundumaa haadha manaa ykn Jaalallee keef kenni.
Jaalala ishee Dubartoota biraa wajjin walitti hin makin yeroo sana gammadaa taatee lubbuu keefis boqonnaa kennitaa.
Dubartoota heddu wajjin ta'uun dhiphina dabala malee gammachuu hin dabalu.

#Miidiyaa hawaasaa beekamuuf osoo hin taane kan beekne beeksisuuf itti haa fayyadamnu.
Beekuun gaariidha kan beekan beeksisuun immoo tola ooltummaadha.

#Lafa kanarratti waanti nuti raawwannu hunduu samiirratti mindaa barabaraa ta'anii nuuf kaffalamu.

#Yoomiyyuu taanaan waan badaarra gaarii haa yaannu.
Gaariin abbumaafi mitiiree
#Kanaafuu Atis kan dubbiste kana barumsa dabarsa ta'ee sitti mul'annaan namoota biraan gahii barsiisi!!!

#Waan obsaan dubbisteef guddaa galatoomi

#join 👇👇👇👇👇👇


@Dujabewa
#Amma murteessi!

#Waa'ee kaleessaa yaaduu dhiisi! Amma murteessi! Murtoon tokko jireenya kee bara baraan jijjiiruu dandaʼa! Saatii kana irraa eegaluun waanan danda'u hunda nan raawwadha(godha) jedhii murteessi!

Nama kutannoo hin qabne namni barbaadu hin jiru! Kutannoo hin qabdu taanaan ofiifis warra jaallattuufis humaa gochuu hin dandeessu. Namni duubatti deebi'u ni qisaasama! Wantoonni ati barbaaddu hundi sodaa kee duuba ta'uu isaa beekuun murannoo qabaachuu qabda!

Duubatti deebitee homaa jijjiiruu hin dandeessu; Amma yoo jalqabde garuu xumura kee miidhagsuu dandeessa; Nama fooyya'aa ta'uu qabda! Ammuma murteeffadhu Waanuma murteeffatte keessa jiraatta waan ta'eef!

#Galgala gaarii isiniif hawwa!!!!
#Galatoomaa
#Waantota kana sadaniin of hin dhiphisinaa

#1ffaa. #Seenaa keessan isa darbe yaaduun of hin dhiphisinaa. Sababni isaas kan darbe darbeera deebi'ee hin dhufu.#fkn kisaaraa, gargaarsa dhabuu, rakkachuu, hidhamuu, hojiirraa gaggeeffamuu, gadda ulfaataa...isin mudatee darbe.
#2ffaa. #Waa'ee gara fuulduraa yaaduun hin dhiphatinaa. Sababni isaan fuulduratti maaltu akka nu mudatu, eebba, rakkina gadda gammaachuu ta'uun isaa icciitiidha.
#3ffaa. #Ofii keenya namoota biraa wajjin dorgomsiisuu dhiisaa. Sababni isaas akkaataan ati itti uumamte nama kamirraayyuu adda, kaayyoon ati uumamteefis kan nama kamiirraayyuu adda. #Ati nama addaati. Hundi keenyayyuu dandeettii fi kennaa addaa addaa qabna.

# Addunyaa kanarra Namni guutuunis namni duwwaanis hin jiru. Of ta'ii jiraadhu!
👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii