#Namoonni dhaabatan akka si hin #dhaabne!

#Namoonni tokko tokko amala jechoota qeeqaa taΚΌan dubbachuu qabu; Dandeettii nama homaa hin hojjenne taa'ee madaallii keessatti madaaluu osoo hin qabaatin gatii hin qabdu jedhu!

#Deeggartoonni dirree kubbaa irra jiran taphattootaan akkana godhi akkas godhi jedhan baay'een isaanii namoota dirree seenanii daqiiqaa tokkoof illee taphachuuf ga'umsa hin qabnedha! #Tarii osoo carraa argataniillee dandeettii taphatichaa nuusa(ruubii) hin agarsiisan ta'a! "#Kan taa'uuf Samiin #dhihoodha" jedhama mitiiree! #Nama hin hojjenneef yaada kennuun salphaadha. Kanaaf na #qeeqe, hojii koo irratti natti qoose, yaada badaa miira koo miidhu naaf kenne jettee ofduuba hin deebi'in; fuulduratti deemi. #Namni dhaabbate si dhaabuu barbaada ykn akka wajjin dhaabbattu barbaada waan ta'eef hin dhaggeeffatiin!!!

#Halkan gaariin Isiniif hawwaπŸ™πŸ™πŸ™
#Baay'een isin Jaaladhas!!!
#Hanga Jirrutti abdiin jira!

#Yeroo baay’ee, jireenya keenya keessatti wantoota abdachaa turree fi seenaa jireenya keenyaa ni jijjiira jennee yaanne kan nuuf hin milkoofne jiru. #Kanaaf abdii kutannee dhaabachuu yoo eegallee fi jireenyi haaraan akka jiru yoo nuuf hin galle inumaayyuu dhaabachuufi kufuu ta'a. #Garuu hanga ilmi namaa lubbuun jirutti yeroo hunda karaan jira!

#Abdiin hanga nuti duunutti hin duutu!

Yeroo gammachiisaan isiniif hawwa!!!
#Daa'ima Mana #Hidhaatti Dhalate

#Daa'imni Tokko mana hidhaa keessatti dhalate mana hidhaatiin alatti jireenyi biraa akka hin jirretti beekee yoo guddate, Fedhii mana hidhaa keessaa bahuu waan hin qabaanneef jireenyi isaa Jireenya #garbummaa ta'a. #Mana hidhaatiin alatti jireenyi akka jiru waan hin beekneef, bilisummaa hin beekne hin hawwu. #Mana hidhaa kana keessaa yoo bahes waan jiraatu itti hin fakkaatu. Namoota achi keessa jiraniin yoo mari'ates lakkii as keessaa yoo baate jireenyuma kanayyuu ni dhabdaa inumaayyuu ni duuta jedhuun, isaanis manuma hidhaa keessa jiru waan ta'eef jechuudha. #Bilisummaan maal akka ta'es tasumayyuu hin beeku. #Garuu mucaan Kun gaafa mana hidhaatiin alatti jireenyi bilisummaa akka jiru bare maaltu uumama isinitti fakkaata? Hundumtuu ni jijjiirama. Akkamitti akka bahu yoo wallaales halkaniif guyyaa waa'ee bilisummaa yaaduutti ka'a. Hiika bilisummaa hubachuu Fi achi keessaa bahuuf tattaaffii eegala.

#Mana hidhaa Yoon jedhu Isa namoonni Yakka dalagan ykn shakkaman ykn immoo Siyaasa Mootummaa biyya tokkoo mormuun hidhaman miti. Kanan jechaa jiru mana hidhaa sammuuti. Kan sammuunsaa #hiyyummaan hidhame soorummaan itti hin Mul'atu hiyyummaadhumaaf garboomee jiraata.
#Kan qacaramee hojjetaa jirus Achii yoo bahe waan jiraatu hin se'u. Kan sammuunsaa Araada garaagaraan qabames akkasuma.
#Dhimma kanarratti Waan baay'ee jechuun ni danda'ama garuu isiniifan dhiisa...
#Walumaa galatti Mana hidhaa keessaa bahaan dhaamsa kooti!!!πŸ™πŸ™πŸ™
#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!


@Bedadina
@Saayikoloojii
Forwarded from GAGGEESSUMMAA (Getu Abera✟)
DUBBII KANA HUBADHAA!
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
β—‰ ‍Nama cimaa ta'i jechuun hin kufin jechuu miti; kuftee ka'uu danda'uu qabda.

β—‰ Gammadaa ta'i jechuun hunda qabaadhu jechuu miti; waan qabdutti gammadi jechuu dha malee.

β—‰ Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaarii dha jechuu miti; jibba caalaa jaalalli hunda caala jechuu dha malee.

β—‰ Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti; Garaa keessatti haaloo kaawwachuun rakkina biraa waan qabuuf malee.

β—‰ Hojii jaaladhu jechuun hojiin ati amma hojjataa jirtu gaarii dha jechuu miti; Boru akka hojiin gaariin si eeggatu hojii har’a hojjataa jirtu jaaladhu jechuu dha malee.

β—‰ Callisi jechuun hin dubbatin jechuu miti; kan biraas dhaggeeffachuuf gurra kenni jechuu dha malee.

β—‰ Abbaa garaa hin ta'in jechuun hin nyaatin jechuu miti; Haqa nama biraa hin nyaatin jechuu dha malee.

β—‰ Hin dallanin jechuun ati miira hin qabdu jechuu miti; dallansuu kee irraa dafii deebi'i jechuudha malee.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
#Amaani gaaffiin kee #deebii ni argata!

#Uumaan gaaffii kee dafee yeroo deebisu #amantii si barsiisaa jira; yoo xiqqoo harkifate #obsa si barsiisaa jira; yoo baayee ture  garuu waan ati gaafatte #dachaa lama siif qopheessaa jira! .  Kanaaf gaaffii kee uumaa qofaaf kenni, garuu jabaadhuu #hojjedhu sana booda deebisaa uumaadhuma keetti  amanii dhiisi, hundaafuu deebiin jira karaan adda adda ta'uu danda'a. Walumaa galatti #gaaffiin kee  hundi ni deebi'a!

#Uumaan kee Gaaffii kee siif haa deebisu!!!πŸ™πŸ™πŸ™
#Nan Danda'a jedhi!

#Kaayyoo guddaaf gara lafa kanaa dhufte, garuu waan barbaadde hunda galmaan gahuu akka hin dandeenye waan amantuuf, akka namoota baay'ee ta'uuf yaalaa jirta.  #Osoo akka #Risaa balali'uu dandeessuu maaliif akka Lukkuu ...?

#Waan gurguddaa milkeessuuf dursitee waan guddaa bilisummaan yaaduu qabda. #Argitee, jalqaba yaada burqisiifta, sana booda tarkaanfii fudhatta.  #Ani hin danda'u jecha jedhu cabsuun, waan barbaadde hunda akka galmaan geesssuuf uumaan akka siif eeyyame of amansiisi! 


#Amma nan danda'a jechuun ofitti himuun #jalqabi!πŸ’ͺ

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!πŸ™πŸ™πŸ™

#Galatoomaa! Yeroo Gaarii!!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Ganama Kee #sumatu Bareechata!!!

#Kana ofitti himi hin gaddiin biyyeen waan facaaftu biqilcha.
#Guyyaan har'aa namatti tola, guyyaa addaati jedhi!!
1. Ani adda! Ani nama ajaa'ibaati!
2. Nan danda'a!
3. Sammuu waan gaarii yaadun qaba!
4. Jireenyaa fi imalan jalqabe injifannoonan xumura!
5. Milkaa’aa; gammadaa Ani nama hafuuraati!

#Kana ofitti dubbachuu ykn sagalee ol kaastee dubbisuun qofti miira kee ni jijjiira. Dadhabina kee, yaaddoo kee, rakkoo kee yaaddee #guyyaa kee hin jalqabin! Sababni isaas yoo yaaddoo fi rakkina facaafte yaaddoo fi rakkinuma haammatta. #Waan qabbanaa'aa fi tasgabba'aa sammuu kee keessa galchi yaa firaa koo!

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Dhaabachuun hin Jiru!

#Wantoonni oliif gadi deemaa jiraachuu danda'u, haala itti fufuu caalaa dhaabuun gaarii fakkaatu keessa jiraachuu dandeessa, garuu harka kennachuun salphaadha.  #Humna walitti qabanii itti fufuun ulfaataadha!

#Yaa  Fira koo kan ati ofiifis taatee sana booda warra jaallattu biras ga'uu dandeessu osoo abdii hin kutatin yoo itti fufte qofa.  #Kanaaf egaa jabaa ta'uu kan qabdu.  #Waan dhiifte amma fudhadhu itti fufi dhaabachuun fala hin ta'u waan ta'eef ka'i!!!πŸ™πŸ™πŸ™

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Namni Hunduu waan mataa isaa qaba!

#Namni kamuu duwwaas miti namni kamiyyuu guutuus miti. #Nuti Karaa tokkoon milkoofnee gammadne jechuun namoonni hunduu karaadhuma sanaan milkaa'anii gammadoo ta'u jechuu  miti.  #Nuti waan barbaannu jaallachuu dandeenya, garuu waan jaallannu akka jaallatan namoota dirqisiisuu qabna jechuu miti. #Yoomiyyuu taanaan  ta'uu fi ilaaluu kan qabnu waan keenya ta'ee fi kan nuuf kenname ta'uu  qabna malee akka abaluu maafan ta'uu dhabe jechuun dhiphachuu hin qabnu.  #Akka warra kaanii osoo hin taane, akka ofii keenyaa akka jiraannuuf kan uumamne!  #Kanaaf gammachuu ofuma keenyarra haa barbaannu!

#Yeroo  gaarii isiniif hawwina!!!

#Join Gochuun nu hordofaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Bedadina

@Saayikoloojii

@Dujabewa
#Waan dandeessu hunda #gochaa jirtaa?

#Fira koo, qabeenyi namni siif hin kenninee fi namni sirraa hin fudhanne yoo jiraate #Yeroodha. Yeroo keetti ammuma fayyadami.  Yoo itti hin fayyadamne si #kuffisa!  Yoo itti fayyadamte si #guddisa!

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!!
               #Galatoomaa

       @Saayikoloojii

       @Bedadina
#Gammadi🌻🌻🌻

#Jijjiiramni dhugaan qormaataa fi rakkinaan kan guutameedha.  Namni #Kanniisa irraa Damma fudhachuu barbaadu ciniinnaa(Hidduu) ishee obsuu qaba.  #Hiriyaa koo yeroo wanti ulfaatu simudatu yoo gaddite, yoo dhiphatte, yoo komatte, yoo of miite homaa hin gootu!  #Qormaatatti gammadi, warra #ciccimootu qorama!

#GAMMADI🌲🌲🌲🌳🌳🌳🌴🌴🌴🌱🌱🌱🌿🌿🌿☘☘☘🎍🎍🎍πŸͺ΄πŸͺ΄πŸͺ΄πŸŽ‹πŸŽ‹πŸŽ‹πŸƒπŸƒπŸƒπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·πŸ’πŸ’πŸ’πŸŒΎπŸŒΎπŸŒΎπŸ₯€πŸ₯€πŸ₯€πŸͺ·πŸͺ·πŸͺ·πŸŒΊπŸŒΊπŸŒΊπŸŒΈπŸŒΈπŸŒΈπŸŒ»πŸŒ»πŸŒ»πŸŒΌπŸŒΌπŸŒΌ
@Bedadina
@Saayikoloojii
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Isa Kam siif #Wayyaree?

#Inni jalqabaa ba’aa hojii cimaadha.  #Inni lammaffaan ba’aa gaabbiiti.  Hojiin cimaan tarii Kiiloogiraama 1 ulfaata;  Garuu gaabbiin  kiiloogiraama  100 ol baatanii akka deemuuti.  Isa kamtu akka siif wayyu #filadhu!

#Hundi keenya waan amma qabnu caalaa waan #gaarii barbaanna.  Yeroon guyyaa hojii malee dabarsitu, "Guyyaan sun osoo homaa hin godhin ija koo irra kaa'ee darbee?"  Yeroo of komattu yaadi.  Fakkeenyaaf Bara Darbuuf jiru 2014 kana maal karoorsite? maal hojjette? maal milkeessite? Maal immoo osoo hin milkeessin hafte? Hundaafuu kan darbe darbeera isa darbe irraanfadhu, isa dhufutti xiyyeeffannaa kenni! Kana ta'uu baannaan barri inni itti seenu kunis waggaa har'aa moofa'eetuma 2016 dabarsa waan ta'eef jechuu kooti. Kanaaf waca amma namni garanaa garasii gurra sitti duuchu dhaggeeffachuu dhiisii ofdhaggeeffadhu!Ofta'i yoo oftaate ofiif taatee nama biraafis taata waan ta'eef!🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Ayaana Gaarii siif haa ta'u !!!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Bara 2015tti darbuu kan #dadhaban!


#Obboleessa koo Baga Geesse!! Obboleettiin koos Baga ittiin si gahe!!
#Hundi keenya har'a gahuu keenyaaf carraqabeessadha! #Waggaa darbe kana kan  hin qaxxaamurree fi kan awwaalamaniifii awwaala kabajaa illee kan hin argane hedduudha.

#Dhugaan isinitti hima #har'uma kana #ollaa kootii namni #lubbuun isaa boqotee boru awwaalamu jira. Kana jechuun namni kun bara 2014 boqotee bara 2015 awwaalama jechuudha😭😭😭

#Nuuf Garuu barri kun waan barbaannu akka taanuuf, kaayyoo akka qabaannuuf, jaalala akka qabaannuuf, gaa’ila akka qabaannuuf, ijoollee akka horannu, qabeenya akka qabaannuuf, gammachuu fi quufa akka qabaannuuf nuuf dabalameera.  #Barri kun kan keenyadha! #Uumaa keessan galateeffadhaaπŸ™πŸ™πŸ™

Bara ajaa'ibaa isiniif hawwina

@Bedadina
@Saayikoloojii
πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„
#Ati kophaa kee miti!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Wantoonni akka ati barbaaddetti siif deemuu dhiisuu dandaΚΌu.  #Hojiin kee, barnoonni kee, gaaΚΌelli kee, hariiroon jaalalaa ati  qabdu si rakkisuu dandaΚΌa;  #Ati kophaa kee miti.  #Hundi keenya mudaa qabna.

#Guyyaa guyyaan of fooyyessuuf wantoota xixiqqoo itti dabalaa yoo itti fufne; hundi keenya #Tulluu milkaa'inaa gubbaatti wal argina!  #Jijjiiramni dhugaa suuta suutaan dhufa malee tasa miti!  #Kanaaf carraaqqii keenya hin dhaabnu

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!!!πŸ™πŸ™πŸ™
#GalatoomaaπŸ™πŸ™πŸ™
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina

@Saayikoloojii