#Ganama Kee #sumatu Bareechata!!!

#Kana ofitti himi hin gaddiin biyyeen waan facaaftu biqilcha.
#Guyyaan har'aa namatti tola, guyyaa addaati jedhi!!
1. Ani adda! Ani nama ajaa'ibaati!
2. Nan danda'a!
3. Sammuu waan gaarii yaadun qaba!
4. Jireenyaa fi imalan jalqabe injifannoonan xumura!
5. Milkaa’aa; gammadaa Ani nama hafuuraati!

#Kana ofitti dubbachuu ykn sagalee ol kaastee dubbisuun qofti miira kee ni jijjiira. Dadhabina kee, yaaddoo kee, rakkoo kee yaaddee #guyyaa kee hin jalqabin! Sababni isaas yoo yaaddoo fi rakkina facaafte yaaddoo fi rakkinuma haammatta. #Waan qabbanaa'aa fi tasgabba'aa sammuu kee keessa galchi yaa firaa koo!

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Dhaabachuun hin Jiru!

#Wantoonni oliif gadi deemaa jiraachuu danda'u, haala itti fufuu caalaa dhaabuun gaarii fakkaatu keessa jiraachuu dandeessa, garuu harka kennachuun salphaadha.  #Humna walitti qabanii itti fufuun ulfaataadha!

#Yaa  Fira koo kan ati ofiifis taatee sana booda warra jaallattu biras ga'uu dandeessu osoo abdii hin kutatin yoo itti fufte qofa.  #Kanaaf egaa jabaa ta'uu kan qabdu.  #Waan dhiifte amma fudhadhu itti fufi dhaabachuun fala hin ta'u waan ta'eef ka'i!!!πŸ™πŸ™πŸ™

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Namni Hunduu waan mataa isaa qaba!

#Namni kamuu duwwaas miti namni kamiyyuu guutuus miti. #Nuti Karaa tokkoon milkoofnee gammadne jechuun namoonni hunduu karaadhuma sanaan milkaa'anii gammadoo ta'u jechuu  miti.  #Nuti waan barbaannu jaallachuu dandeenya, garuu waan jaallannu akka jaallatan namoota dirqisiisuu qabna jechuu miti. #Yoomiyyuu taanaan  ta'uu fi ilaaluu kan qabnu waan keenya ta'ee fi kan nuuf kenname ta'uu  qabna malee akka abaluu maafan ta'uu dhabe jechuun dhiphachuu hin qabnu.  #Akka warra kaanii osoo hin taane, akka ofii keenyaa akka jiraannuuf kan uumamne!  #Kanaaf gammachuu ofuma keenyarra haa barbaannu!

#Yeroo  gaarii isiniif hawwina!!!

#Join Gochuun nu hordofaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Bedadina

@Saayikoloojii

@Dujabewa
#Waan dandeessu hunda #gochaa jirtaa?

#Fira koo, qabeenyi namni siif hin kenninee fi namni sirraa hin fudhanne yoo jiraate #Yeroodha. Yeroo keetti ammuma fayyadami.  Yoo itti hin fayyadamne si #kuffisa!  Yoo itti fayyadamte si #guddisa!

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!!
               #Galatoomaa

       @Saayikoloojii

       @Bedadina
#Gammadi🌻🌻🌻

#Jijjiiramni dhugaan qormaataa fi rakkinaan kan guutameedha.  Namni #Kanniisa irraa Damma fudhachuu barbaadu ciniinnaa(Hidduu) ishee obsuu qaba.  #Hiriyaa koo yeroo wanti ulfaatu simudatu yoo gaddite, yoo dhiphatte, yoo komatte, yoo of miite homaa hin gootu!  #Qormaatatti gammadi, warra #ciccimootu qorama!

#GAMMADI🌲🌲🌲🌳🌳🌳🌴🌴🌴🌱🌱🌱🌿🌿🌿☘☘☘🎍🎍🎍πŸͺ΄πŸͺ΄πŸͺ΄πŸŽ‹πŸŽ‹πŸŽ‹πŸƒπŸƒπŸƒπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·πŸ’πŸ’πŸ’πŸŒΎπŸŒΎπŸŒΎπŸ₯€πŸ₯€πŸ₯€πŸͺ·πŸͺ·πŸͺ·πŸŒΊπŸŒΊπŸŒΊπŸŒΈπŸŒΈπŸŒΈπŸŒ»πŸŒ»πŸŒ»πŸŒΌπŸŒΌπŸŒΌ
@Bedadina
@Saayikoloojii
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Isa Kam siif #Wayyaree?

#Inni jalqabaa ba’aa hojii cimaadha.  #Inni lammaffaan ba’aa gaabbiiti.  Hojiin cimaan tarii Kiiloogiraama 1 ulfaata;  Garuu gaabbiin  kiiloogiraama  100 ol baatanii akka deemuuti.  Isa kamtu akka siif wayyu #filadhu!

#Hundi keenya waan amma qabnu caalaa waan #gaarii barbaanna.  Yeroon guyyaa hojii malee dabarsitu, "Guyyaan sun osoo homaa hin godhin ija koo irra kaa'ee darbee?"  Yeroo of komattu yaadi.  Fakkeenyaaf Bara Darbuuf jiru 2014 kana maal karoorsite? maal hojjette? maal milkeessite? Maal immoo osoo hin milkeessin hafte? Hundaafuu kan darbe darbeera isa darbe irraanfadhu, isa dhufutti xiyyeeffannaa kenni! Kana ta'uu baannaan barri inni itti seenu kunis waggaa har'aa moofa'eetuma 2016 dabarsa waan ta'eef jechuu kooti. Kanaaf waca amma namni garanaa garasii gurra sitti duuchu dhaggeeffachuu dhiisii ofdhaggeeffadhu!Ofta'i yoo oftaate ofiif taatee nama biraafis taata waan ta'eef!🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Ayaana Gaarii siif haa ta'u !!!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Bara 2015tti darbuu kan #dadhaban!


#Obboleessa koo Baga Geesse!! Obboleettiin koos Baga ittiin si gahe!!
#Hundi keenya har'a gahuu keenyaaf carraqabeessadha! #Waggaa darbe kana kan  hin qaxxaamurree fi kan awwaalamaniifii awwaala kabajaa illee kan hin argane hedduudha.

#Dhugaan isinitti hima #har'uma kana #ollaa kootii namni #lubbuun isaa boqotee boru awwaalamu jira. Kana jechuun namni kun bara 2014 boqotee bara 2015 awwaalama jechuudha😭😭😭

#Nuuf Garuu barri kun waan barbaannu akka taanuuf, kaayyoo akka qabaannuuf, jaalala akka qabaannuuf, gaa’ila akka qabaannuuf, ijoollee akka horannu, qabeenya akka qabaannuuf, gammachuu fi quufa akka qabaannuuf nuuf dabalameera.  #Barri kun kan keenyadha! #Uumaa keessan galateeffadhaaπŸ™πŸ™πŸ™

Bara ajaa'ibaa isiniif hawwina

@Bedadina
@Saayikoloojii
πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„
#Ati kophaa kee miti!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Wantoonni akka ati barbaaddetti siif deemuu dhiisuu dandaΚΌu.  #Hojiin kee, barnoonni kee, gaaΚΌelli kee, hariiroon jaalalaa ati  qabdu si rakkisuu dandaΚΌa;  #Ati kophaa kee miti.  #Hundi keenya mudaa qabna.

#Guyyaa guyyaan of fooyyessuuf wantoota xixiqqoo itti dabalaa yoo itti fufne; hundi keenya #Tulluu milkaa'inaa gubbaatti wal argina!  #Jijjiiramni dhugaa suuta suutaan dhufa malee tasa miti!  #Kanaaf carraaqqii keenya hin dhaabnu

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!!!πŸ™πŸ™πŸ™
#GalatoomaaπŸ™πŸ™πŸ™
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina

@Saayikoloojii
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yoo hin dhaabbanne #hojiin kee ni agarsiisa!
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Waan tokko galmaan ga’uuf rakkachaa(Dhama'aa) jirta ta’a;  #Garuu hanga ammaatti bu'aa mul'atu tokkollee hin arganne, onnee kee irraa hojjechaa jirta ta'a, garuu namoonni akka ati isaan fayyadaa jirtu, akkasumas dhiibbaa akka uumtu hin beekan, nama aarsu mitii ?  #Haala kana keessatti  haamilee duriin itti fufuun haa hafuutii Sirumayyuu hojii kee dhiisuu akka barbaaddu si taasisa mitiiree?  #Garuu dhaabuun gonkumaa furmaata miti.Yoo dhaabde Ati  nama faayidaa hin qabnedha.Ati nama hojiin cimaan isaa gatii dhabedha! #Garuu yeroo itti fuftu, gaafa cimtee kan duraa caalaa gumaachitu, sana booda ni #injifatta. #Waan tokko yommuu gootu hanga isa malee namni biraa hojjechuu hindanda'u siin jedhanitti ta'uu qaba!  #Hanga namoota baay'ee hojii irraa fagaachuun yaaddoo ta'utti gahee kee bahaa, sana booda hojiin kee osoo namni hin sakatta'in siif mallatteessa!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yerooo Gaariin Isiniif Hawwa!!!
        #Share gochuun namoota heddu biraan nuuf gahaaπŸ™πŸ™πŸ™
#Galatoomaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina
🌻🌻🌻🌻🌻🌻
@Saayikoloojii
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Baga Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Arsadii Nagaan Geessan!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#αŠ₯αŠ•αŠ³αŠ• αˆˆαŠ’αˆ¬α‰» αˆ†αˆ« αŠαŠ•αŠαŠ” αŠ₯αŠ“ αˆ†αˆ« αŠ αˆ­αˆ°α‹² α‰ α‹“αˆ α‰ αˆ αˆ‹αˆ αŠ α‹°αˆ¨αˆ³α‰½αˆ!
πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·πŸŒ·
@Bedadina
@Saayikoloojii
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭


#Dr. Kabajaa Alii Birraa weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa Oromooti. Aliin Fulbaana 29, 1950 magaalaa Dirre Dhawaa naannoo Lagaharree jedhamutti dhalate.

#Jireenyaa Ijoollummaa Isaa

#Aliin kan dhalate Dirre Dhawaa keessatti. Abbaa fi haati isaa Aliin dhalatee waggaa sadi’itti addaan bahan. Aliin sana booda abbaa isaa biratti guddate. Yeroo ijoollummaa isaa mana barumsaa Arabiffaa galee Afaan Arabaa barateera. Sana boodas mana barumsaa galee amma kutaa 6tti barate.
Yeroo ijoollummaa isaa karaa irratti daldala adda addaa hojjatee of gargaaraa ture. Wayita umuriin isaa 13 ta’u, hawwisoo Afran Qalloo kan aadaa Oromoo guddisuuf dhoksaadhan hojjachaa turetti makame. Sirbi inni jalqaba waltajjiirratti sirbe β€œBirraa dha bari’e” kan jedhamu ture. Kanarraa ka’ee maqaa Alii Birraa jedhamu argate. Mootummaan Hayila Sillaassee hawwisoo kana bara 1965tti cufee miseensota hawwisoo kanaas gartokkee mana hidhaatti naqe. Aliinis baqatee gara Finfinneetti gale.

#Jireenya Isaa Finfinneetti

Aliin erga Finfinneetti galee booda hojii sirbaa adda addaa hojjachuu jalqabe. Yeroo kana Aliin sabboonaa Oromoo Ahimad Taqii wajjin wal bare. Ahimad Taqiis Alidhaaf akka ittiin sirbuuf jedhee gitaara biteef. Beekkamtummaan Aliis magaalaa Finfinnee keessatti saffisaan dabale. Aliin Afaan Oromoon biratti Afaan AmaaraaAfaan ArabaaAfaan Hararii fi Afaan Sumaaleetiin sirbuu danda’a ture. Kunimmoo namoota adda addaa biratti akka jajamuu fi jaalatamu godhe. Namoota isa jaalatan keessaa tokko Iyyu’eel Yohaannis kan jedhamu dura bu’aa Kibur Zabanyaa kan ture tokko ture. Innis Aliin Kibur Zabanyaatti akka makamu godhe; achittis weellistoota beekkamoo kan akka Mahaammud AhimadXilaahun Gassasaa, fi Buzunash Baqqalaafaatti makame.
Kibur Zabanyaa keessa yeroo turetti, carraa gara naanoo adda addaa deemee itti dandeettii isaa agarsiisu argate. Gara Sudaanis deemee wellistoota bebbeekkamoo akka Mahaammad Waardiifaa wajjin sirbe. Yeroo Finfinnee jiru, waltajjii gurguddaa akka Haagar Fiqirii fi Raas Tiyaatiriifaatti sirba ture. Boodarra abbaa isaa wajjin mariyatee Finfinnee gad lakkisee deeme. Bara 1970n keessa, yeroo Warraaqsi Itoophiyaa jalqabu, Ahimad Taqii baha Itoophiyaa keessatti loltuu mootummaatin odoo loluu du’e. Aliinis baayyee gaddee akkas jedhee sirbe
Yaa Hundee Bareedaa
Yaa Fiixee Miidhagaa
(Hundeen maqaa kan bira Ahimad Taqii ture)
Aliin hojii isaa weellisummaa fi qindeessumma itti fufe. Albamii isaa kan jalqabaas bara 1971 baase, kunis albamii sirba Afaan Oromoo kan jalqaba ture seenaa sirba Oromoo keessatti. Achii booda sirba jaallatamoo akka β€œHin Yaadin”, β€œAsabalee”, β€œAmmalelee” fi β€œGammachu” godhate. Albamiin isaa sirboota Afaan Sudaan kan akka β€œAl-Habiib Ween” fi sirba Hararii kan akka β€œYidenqal” of keessaa qaba.

#Biyya Alaatti

Leellistuun Alii Birraa, Imbaasii Iswiidin kan Finfinnee jiru keessatti Itti-aantuu Sekreeterii (vice-secretary) kan turte, Alii gaa’ilaaf gaafatte. Aliinis gaaffii kana fudhatee bara 1985tti ishii fuudhe, maqaan ishii Birgittaa Astroom jedhama. Birgittaan kan dhalatte Istookoolmi Iswiidin keessatti (Adoolessa 21, 1942 – Fulbaana 13, 2009). Bara 1986tti, haati manaa Alii Sawud Arabiyaatti jijjirramate, Aliinis ishee faana Sawud Arabiyaatti gale. Haa ta’u malee, Sawud Arabiyaan Aliitti itti hin tolle. Kanaaf gara Iswiidinitti ce’ee achi waggaa lama jiraate. Bara 1988, Aartis Akkaadaamii Loos Aanjeles (Los Angeles Arts Academy)tti barachuuf gara USA deeme. Bara 1990tti erga eebbifameen booda bara 1992tti albamii lama Itoophiyaan alatti kan jalqabaa gad lakkise. Kunis addunyarratti akka beekkamu godhe. Aliin konsertii baayyee biyyoota adda addaa keessatti geggeesseera. Kana keessaa bara 20005tti ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa irraatti Sharaaten Addis kaasuun ni danda’ama.
Bara 2009tti, Aliin dhukkuba Kaanserii marrimaanii akka yaallamaa jiru yoo dubbatamu, garuu sirba akka itti fufuun hojjatu yoo dubbatu albamiin isaa kan dhiyoo baase garuu kan dhuma ta’uu hin hafu jedhama.
Badhaasa


Bara 1995tti, Aliin badhaasa Toroontoo Afrikaan meeritis Awwaard(Toronto African Merits Award) argateera. Bara 2010tti ammo, Yuunivarsiitii Jimmaa irraa Dokitreetii Kabajaa aragateera. Mudde 2012tti Dorgommii Daddaraaroorratti isa jalqabaa irratti marsa xumuraarratti keessummaa kabjaa ta’uun affeeramee argameera.

#Har'a kunoo Onkoloolessa 27 bara 2015 A LH Addunyaa kanarraa Du'aan boqoteera. Boolla isaa Daadhiin haa guutu Lubbuu isaa Waaqayyo Jeennata keessatti haa qananiisu😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
@Bedadina
#Milkaa'innii fi #Gammachuun harka keenya jira!

#Namoonni Milkaa’oo fi Gammadoo ta’an jaalalaan kan guutamani;  #Yeroo hundumaa kennuu irraa of hin qusatan, hojjachuu irraa duubatti hin deebi’an, nama dhufu hundaaf nagaa, jaalalaa fi tasgabbii ni kennu. #Namni hundi bakka isaan jiranitti argamuu ni jaallata;  #Kanaaf milkaa'inaa fi gammachuu kee fagoo hin barbaadiin, keessa keetii uumi, laphee kee irraa ta'i, laphee kee irraa jaalladhu, laphee kee irraa kenni, sana booda #onnee kee irraa gammachuu argatta.

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!!!πŸ™πŸ™πŸ™